Malakaan Shanaffaan Malakata Afuufe
Boolla gadi fageenyaa ni banama, ciniinsi fuula namaa qabu warra chaappaa Abbaa keenyaa hin qabne hundumaa ji'a shan dhiphisa; namoonni du'a barbaadu garuu du'uu hin dandeenye. Ergasii fardeen dhibba lama miliyoona namoota harka sadii tokko ajjeesu. Warri hafan waaqota isaanii, ajjeechaa fi hanna isaanii hin dhiisan. Kana keessatti namni tokko iyyuu gara qalbii jijjiiruutti hin deebi'u.
9 1Malaykaan shanaffaan malakata afuufe, anis urjii waaqa irraa lafatti kufe tokko arge; furtuun boolla gad fageenyaa isaaf kennamte. 2Innis boolla gad fageenyaa banee, aarri boolla sanaa irraa akka aara boba'aa guddaa ol ba'e; aduun fi qilleensi aara boolla sanaatiin dukkanaa'an. 3Hawwaannisni aara sana keessaa lafatti baʼan; isaanis humna akka hurrii lafaa argatan. 4Marga lafaa, biqiltoota magariisaa kamiyyuu fi muka kamiyyuu akka hin miine, namoota chaappaan Abbaa keenyaa marfama isaanii irra hin jirre qofa akka miinaniif isaanitti himame. a a v4 Chaappaan namoota Abbaa keenyaa taʼan in agarsiisa — chaappaan garboota isaa kanaa boqonnaa 7 keessatti ibsame sana dha. 5Isaan akka isaan ajjeesan hin eeyyamamne; garuu akka ji'a shan isaan dhiphisan eeyyamameef; dhiphinni isaanii dhiphina hurrii namni tokko yommuu isa waraanu dha. 6Bara sana keessa namoonni du'a in barbaadu, garuu hin argatan; du'uu in hawwu, garuu du'aan isaan jalaa in baqata.
7Hawwaannisni sun fardeen waraanaaf qophaa'an in fakkaatu; mataa isaanii irra gonfoon akka warqee ture; fuulli isaaniis akka fuula namaa ture. 8Rifeensi isaanii akka rifeensa dubartootaa ture; ilkaan isaaniis akka ilkaan leencaa ture. 9Qomni isaanii akka sibiilaa ture; sagaleen baallee isaaniis akka sagalee fardeen baayʼee fi gaariiwwan waraanatti fiigan ture. 10Dabaan isaanii akka hurrii ture; hurriin isaanii ni qabu; dabaa isaanii keessa humna ji'a shan namoota miinuu ture. 11Mootiin isaanii malaykaa boolla gad fageenyaa dha; maqaan isaa Afaan Ibrootaatiin Abaadoon, Afaan Giriikiitiin immoo Apoliyoon jedhama. b b v11 Maqaan lamaanuu «Balleessaa» jechuu dha.
12Wayyoon jalqabaa darbeera; kunoo, wayyoon lama kana booda ammallee in dhufa.
13Ergasii malaykaan jaʼaffaan malakata isaa afuufe; anis sagalee gaanfa afran iddoo aarsaa warqee Abbaa keenya duratti argamu irraa dhufu dhiiseen, 14malaykaa jaʼaffaa malakata qabuutti, «Malaykota afran laga guddicha Yufraxiis biratti hidhamanii jiran hiiki» jedhu.
15Malaykonni afran sa'aatiif, guyyaaf, ji'aaf fi waggaaf qophaa'an, harka sadii keessaa tokko namoota ajjeesuuf hiikaman. 16Baayʼinni loltoota fardaan dhufanii miliyoona dhibba lama ture; baayʼina isaanii dhiisen. 17Fardeen sanaa fi warra isaan irra taa'an mul'ata keessatti akkana arge: qomni isaanii halluu ibiddaa, safiiraa fi sulfaa ture; mataan fardeen sanaa akka mataa leencaa ture; afaan isaanii keessaa ibiddi, aarri fi sulfaan ba'a ture. 18Dhiphinni sadan kun — ibiddi, aarri fi sulfaan afaan isaanii keessaa ba'u — harka sadii keessaa tokko namootaa ajjeese. 19Humni fardeenii afaan isaanii fi dabaa isaanii keessa jira; dabaan isaanii akka bofaa mataa qaba, isaan itti miinu.
20Namoonni hafan, dhiphina kanaan hin ajjeefamne, hojii harka isaanii irraa ammallee hin deebine; seexanootaa fi waaqota warqee, meetii, sibiila diimaa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman, kanneen hin argine, hin dhaggeeffanne, hin deemne gabbaru ture. 21Ajjeechaa isaanii, falfala isaanii, siyaa'a isaanii fi hanna isaaniitiin hin qalbeeffanne.