Maxxanfameera

Faarfannaa 90 FHB Father's Heart Bible™

Ajaja kee isa jalqabaa irratti hir'ina 15% →
Kitaaba

Musee Abbaa Bara Baraatti Kadhata

Kadhannaa Musee, namicha Abbaa keenyaa.

Musse jireenya namaa Abbaa isaa bara baraa wajjin walbira qaba: waggaan kuma akka eegumsa halkan darbee ti, namoonni akka marga ganamaa fudhatamu. Guyyoota dabalataa osoo hin taane, isaan lakkaa'uuf ogummaa, akkasumas waggoota rakkina wajjin walqixa gammachuu kadhata.

Abbaan keenya lakkoofsa keessatti dubbata 3

Boqonnaa 90.

Yaa Abbaa Gooftaa, ati iddoo jireenya keenya dhaloota hundumaa keessatti taatee jirta. Tulluuwwan osoo hin dhalatin, yookaan ati lafaa fi addunyaa osoo hin uumin, bara baraa irraa hanga bara baraatti ati Abbaa keenya dha.

Ati namoota gara biyyeetti deebifta; «Yaa ilmaan namaa, deebi'aa» jetta.

Waggaa kuma tokko ija kee duratti akka guyyaa darbee, akka eegumsa halkanii dha. Ati isaan akka lolaatiin sguuxxa; isaan akka abjuu, akka marga ganama biqilu dha, ganama in dagaaga, in biqila; galgala in goga, in coollaga.

Sababii nu dallansuu keetiin xumurannee jirruuf; aarii keetiin nu rifanne. Ati yakka keenya fuula kee dura, cubbuu keenya dhoksaa immoo ifa fuula keetii keessa kaa'atteerta. Sababii guyyaan keenya hundi aarii kee jala darbuuf; nu waggaa keenya akka aaduu xumurra. Nu waggaa torbaatama jiraanna, yoo jabinni keenya turee immoo saddeettama; garuu rakkinaa fi dhiphinaa malee homaa hin fidan; ariifatanii darbu, nus in balaallu. Humna dallansuu kee eenyutu beeka? Aariin kee akka sodaa si malu sanaa guddaa dha. Akka garaa ogummaa argannuuf, guyyaa keenya lakkaa'uu nu barsiisi.

Yaa Abbaa keenya, deebi'i! Hamma yoomii? Tajaajiltoota keetiif araara argisiisi. Ganama gaarummaa kakuu keetiin nu quufsi, akka guyyaa keenya hundumaa gammachuun faarsinee gammannuuf. Guyyaa ati nu dhiphiste hanga sanaatti, waggaa nuti rakkina argine hanga sanaatti nu gammachiisi. Tajaajiltoonni kee hojii kee, ijoolleen isaanis ulfina kee haa argan.

Ayyaanni Abbaa Gooftaa nu irra haa ta'u; hojii harka keenyaa nuuf jabeessi, eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessi.