Lubicha Guddicha Keenya, Isa Taa'e
Hima tokkoon waan hundaa ibsa: luba guddaan keenya taa'eera. Wanti inni tajaajilu fakkeenya osoo hin taane mana qulqullummaa dhugaa dha, kakuun inni giddu seenuus kan Yeremiyaan abdachiise dha: seerri sammuu fi garaa irratti barreeffama, cubbuun deebi'ee hin yaadatamu, namni hundinuu Abbaa keenya beeka.
Abbaan keenya lakkoofsota keessatti dubbata 5, 8–12
8 1Qabxiin dubbii kanaa kana: nuti lubicha guddicha akkasii qabna; inni waaqa irratti mirga teessoo Guddichaatti taa'eera. 2Inni iddoowwan qulqulluu fi godoo dhugaa isa Abbaan dhaabe, namni garuu hin dhaabne, tajaajilaa dha. 3Lubni guddaan hundi akka kennaa fi aarsaa dhiheessuuf in muudama; kanaaf isa kunis waan dhiheessu tokko qabaachuu qaba. 4Inni yoo lafa irra ta'e, seeraan kennaa kan dhiheessan warri biroo waan jiraniif, lubas hin ta'u ture.
5Isaan waan waaqa irra jiru isa fakkeenyaa fi gaaddidduu tajaajilu; akkuma Musee godoo xumuruuf jedhu akeekkachiifame, «Ilaali,» jedhe, «waan hundumaa fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaan godhi.»
6Amma garuu Yesus tajaajila caalu argateera, sababii kakuun inni giddu seenee jaarsu kakuu caalu gaarii waan ta'eef, kakuun sunis abdachiisa caalu gaarii irratti dhaabameera. 7Kakuun jalqabaa sun yoo balleessaa hin qabaanne ta'e, isa lammataaf bakki hin barbaadamu ture.
8Inni isaan irratti balleessaa argatee, akkana jedha: «Kunoo, guyyoonni in dhufu, jedha Abbaan keenya, yeroo ani mana Israa'elii fi mana Yihudaa wajjin kakuu haaraa godhu. 9Kakuu ani abbootii isaanii wajjin guyyaa harka isaanii qabee biyya Gibxii keessaa isaan baasuuf godhe sana fakkaatu miti. Isaan kakuu koo keessa hin turre, kanaaf ani isaan tuffadhe, jedha Abbaan keenya. 10Kakuun ani booda guyyoota sana mana Israa'el wajjin godhu kana dha, jedha Abbaan keenya; Ani seera koo yaada isaanii keessa kaa'a, onnee isaanii irrattis barreessa; Anis Abbaa isaanii nan ta'a, isaanis ijoollee koo in ta'u. 11Kana booda tokkoon tokkoon isaanii ollaa isaa fi obboleessa isaa, ‹Abbaa keenya beeki,› jedhee hin barsiisu; sababii isaan hundinuu, xinnaa isaanii irraa hanga guddaa isaaniitti, na in beeku. 12Sababii ani yakka isaanii irratti araara-qabeessa nan ta'a, cubbuu isaaniis kana booda hin yaadadhu.»
13Kakuu haaraa jechuudhaan inni isa jalqabaa moofa godheera. Wanti moofaa'ee dulloomu immoo dhumaatti dhiyaateera.