Buddeenni Bishaan Irratti
Buddeena kee bishaan irratti erga, qooda kees balʼinaan qoodi, sababiin isaas balaa dhufu beekuu hin dandeessuutii. Namni bubbee eegu gonkumaa hin facaasu. Ganamaa fi galgala facaasi, ifatti gammadi, guyyoota dukkanaa dhufan yaadadhu, Waaqni dargaggummaa murtiitti akka fidus beeki.
11 1Buddeena kee bishaan irra gadi gadhiisi, waan guyyoota baay'ee booda deebiitee argatteef. 2Torbaaf, yookaan saddeettaafis iyyuu kutaa kenni, waan balaan maal lafa irra dhufuu malu hin beektuuf. 3Duumessi yoo guutame, lafa irratti rooba in roobsa; mukni gara kibbaatti yookaan gara kaabaatti yoo kufe, bakka kufetti achumatti in ciisa. 4Namni qilleensa eegu gonkumaa hin facaasu, namni duumessa qorus gonkumaa hin haamu.
5Akkuma ati karaa qilleensaa, yookaan lafeen gadameessa dubartii ulfaa keessatti akkamitti akka uumaman hin beekne, akkasuma ati hojii Waaqayyoo isa waan hundumaa uumu beekuu hin dandeessu.
6Ganama sanyii kee facaasi, galgala immoo harka kee hin boqochiisin, waan isa kam akka milkaa'u—kana yookaan sana—yookaan lamaan isaanii wal fakkaatanii akka gaarii ta'an hin beektuuf.
Ifni Mi'aawaa Dha
7Ifni mi'aawaa dha, iji aduu arguunis gammachiisaa dha.
8Kanaaf namni yoo waggoota baay'ee jiraate, hundumaa isaanitti haa gammadu; garuu guyyoota dukkanaa haa yaadatu, waan isaan baay'ee ta'aniif. Waan dhufu hundinuu waan darbu dha.
9Yaa dargaggeessa, dargaggummaa kee keessatti gammadi, onneen kees guyyoota dargaggummaa kee keessatti gammachuu sif haa kennu. Karaa onnee keetii fi ija kee dura deemi; garuu waan kana hundumaaf Waaqayyo murtiitti akka si fiduu beeki.
10Kanaaf onnee kee keessaa dallansuu baasi, qaama kee irraas dhukkubbii fageessi, waan dargaggummaa fi ganamni jireenyaa waan darbu ta'aniif.