Halleluyaa
Mootota irratti abdii hin kaa'inaa, kaayyoon isaanii guyyaa isaan duʼan sana waliin ni badaatii. Filannoon biraa Abbaa keenya, wanta inni hojjetuun tarreeffame: warra cunqurfamaniif haqa, warra beelaaʼaniif buddeena, hidhamtoota bilisa baasuu, alagaa, ilmaan haadhaa fi abbaa hin qabneefi haadha manaa du'aniif eegumsa.
146 1Halleluyaa! Yaa lubbuu koo, Abbaa keenya galateeffadhu.
2Ani utuu jiruu Abbaa keenya nan galateeffadha; hanga hafuura baafadhuutti Abbaa keenyaaf nan faarfadha.
3Abdii kee bulchitoota irratti hin kaa'in, nama du'u isa si oolchuu hin dandeenye irrattis. 4Hafuurri isaa isa keessaa in ba'a, inni gara biyyee in deebi'a; guyyaa sana ofuma isaa yaadni isaa in badu. 5Namni Waaqayyo Yaaqoob gargaaraa isaa godhate, abdii isaas Abbaa keenya irratti kaa'ate eebbifamaa dha.
6Inni waaqaa fi lafa kan uume dha, galaana fi waan isaan keessa jiru hundumas; amanamummaa bara baraan in eega. 7Inni warra cunqurfamaniif haqa in baasa; warra beela'aniif buddeena in kenna. Abbaan keenya hidhamtoota bilisa in baasa. 8Abbaan keenya ija jaamotaa in bana; Abbaan keenya warra cichaman ol in kaasa; Abbaan keenya warra qajeelota in jaallata. 9Abbaan keenya orma in eega; ijoollee abbaa hin qabne fi dubartii dhirsi ishee du'e in deggera, garuu karaa hamoota in diiga.
10Abbaan keenya bara baraan in bulcha—Abbaan kee, yaa Xiyoon, dhaloota hundumaaf. Halleluyaa!