Abbaan Israa'eliif Dhaala Isaanii Kenna
Lafti akka Abbaan keenya ajajetti ciigoon qoodama, garuu Kaaleb dhufee kutaa murtaa'e gaafata. Waggaa saddeetamii shanitti tulluu jaayyaan keessa jiru waadaa waggaa afurtamii shan dura ta'een gaafata. Iyyaasuun Hebroon isaaf kenna.
14 1Kunneen dhaala saboonni Israa'el biyya Kana'aan keessatti argatan dha; dhaala kana Eleezar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuun, fi mataawwan gosoota abbootii Israa'el isaanii qoodan. 2Akkuma Abbaan keenya karaa Museetiin ajaje, dhaala isaanii gosoota sagalii fi gosa walakkaaf carraa buusuudhaan fudhatan. 3Musee gosoota lamaa fi gosa walakkaaf dhaala isaanii gama Yordaanosii bira kennee ture; Lewwotaaf garuu isaan gidduutti dhaala hin kennine. 4Ilmaan Yoosef gosoota lama turan, Minaasee fi Efraayim. Lewwonni lafa keessaa qooda hin argatan; magaalaawwan jiraatan qofa, dheedaa horii fi qabeenya isaaniitiif ta'u wajjin argatan. 5Kanaaf Israa'eloonni akkuma Abbaan keenya Museetti ajaje godhanii lafa qoodan.
Kaaleb Abdii Abbaa Fudhata
6Saboonni Yihudaa Gilgaal Iyyaasuu bira dhufan; Kaaleb ilmi Yefunee Qenizichi Iyyaasuutti, «Waan Abbaan keenya Qadesh-barneaatti Musee nama Abbaa keenyaatti waa'ee kee fi koo dubbate ati in beekta. 7Yeroo Musee tajaajilaan Abbaa keenyaa lafa sakatta'uuf Qadesh-barneaarraa na erge, ani waggaa afurtama ture; anis akkuma garaa koo keessa ture oduu isaaf deebisee fidee dhufe. 8Obboloonni koo sakattaa'oonni na wajjin ol ba'an garuu sodaadhaan garaa saba sanaa dhaban; ani immoo guutummaatti Abbaa koo duukaa bu'e. 9Guyyaa sana Musee akkana jedhee naaf kakate: ‹Dhugumaan lafti miilli kee irra deemte dhaala kee fi ilmaan kee bara baraaf in ta'a, sababii ati guutummaatti Abbaa koo duukaa bu'eef.›
10Amma Abbaan keenya akkuma abdachiise waggaa afurtamii shan na jiraachiseera, yeroo Israa'el lafa onaa keessa naanna'u Musee waan kana itti dubbate kaasee. Kunoo, har'a ani waggaa saddeettamii shan ta'eera. 11Har'a ani akkuma guyyaa Musee na ergetti jabaadha; humni koo amma humna koo yeroo sanaa wajjin wal gita—waraanaaf, ba'uu fi galuufis. 12Kanaaf biyya gaaraa kana Abbaan keenya guyyaa sana waa'ee isaa dubbate naa kenni. Yeroo sanatti Anaaqonni achi akka turan, magaalaawwan guguddaa dallaa qabanis akka jiran dhageesseetta. Abbaan keenya na wajjin in ta'a taanaan, ani akkuma inni jedhe isaan in baasa.»
13Yommus Iyyaasuun Kaaleb ilma Yefunee eebbisee Hebroonin dhaala isaatiif kenneef. 14Kanaaf Hebroon hamma har'aatti dhaala Kaaleb ilma Yefunee Qenizichaa ta'e, sababii inni guutummaatti Abbaa keenya Waaqayyo Israa'el duukaa bu'eef. 15Hebroon durii maqaan ishee Kiriyaat-arbaa turte, sababii Arbaan nama Anaaqota gidduu isa guddaa ture. Ergasii lafti waraana irraa boqote.