Nagaa gaafannaa Tesaloonqeetiif
Xalayaa itti aanu kan waldaa waa'ee guyyaa Gooftaa wallaalte tasgabbeessu, jabaattee akka dhaabattus waamu.
1 1Phaawulos, Silvaanosii fi Ximotewos, waldaa Tesaloonqee Abbaa keenya fi Gooftaa Yesus Kristos keessa jirtuuf: 2Ayyaanaa fi nagaan Abbaa keenyaa fi Gooftaa Yesus Kristos irraa isiniif haa ta'u.
Amantii keessan isa guddachaa jiruuf galata galchuu
3Obboloota fi obbololeeyyan, nuti isiniif jedhee yeroo hundumaa Abbaa keenyaaf galata galchuu qabna—kunis qajeelaa dha—sababii amantiin keessan caalaatti guddachaa jiruuf, jaalalli tokkoon tokkoon keessan waliif qabdanis caalaatti dabalaa jiruuf. 4Kanaaf nuti ofumaa waldaawwan Abbaa keenyaa gidduutti, ariifachiisaa fi dhiphina isin obsitan hundumaa keessatti obsaa fi amantii keessaniin isiniin of jajna.
5Kun mallattoo murtii qajeelaa Abbaa keenyaa ti; isin mootummaa Abbaa keenyaaf, isa kanaaf immoo dhiphattan, kan malan ta'uuf lakkaa'amtaniirtu. 6Abbaan keenya qajeelaa waan ta'eef, warra isin dhiphisan dhiphina isaanitti in deebisa, 7isin warra nu wajjin dhiphattaniif immoo, yeroo Gooftaan Yesus ergamoota isaa humna qabeessa wajjin waaqa irraa mul'atutti boqonnaa in kenna, 8ibidda boba'aa keessa ta'ee, warra Abbaa keenya hin beekneef fi warra oduu gammachiisaa Gooftaa keenya Yesus hin ajajamneef murtii qajeelaa fidee. 9Isaan fuula Gooftaa fi humna isaa ulfina qabeessa irraa fagaatanii, adabbii balleessaa bara baraa in baatu, 10guyyaa sana, yeroo inni qulqulloota isaa keessatti ulfaa'uuf, warra amanan hundumaa gidduutti immoo dinqisiifamuuf dhufutti—ragaan nuti isiniif kenne amanameeraatii.
11Kanaafis nuti yeroo hundumaa isiniif in kadhanna, Abbaan keenya waamicha isaatiif isin kan malan akka isin lakkaa'uuf, fedhii gaarummaa hundumaa fi hojii amantii humna isaatiin akka raawwatuuf, 12akka maqaan Gooftaa keenya Yesus isin keessatti ulfaa'uuf, isinis isa keessatti ulfaa'uuf, ayyaana Abbaa keenyaa fi Gooftaa Yesus Kristos tiin.