Sabni Tokko Mootii Isaa Irraa Garagale
Ilmaan Saamuʼeel mattaʼaa fudhatu; kanaaf jaarsoliin akkuma saboota kaanii mootii gaafatu. Abbaan keenya Saamuʼeeliin, kan isaan tuffatan isa malee Saamuʼeel miti jedha. Saamuʼeel wanta mootiin fudhatu, ilmaan, intallan, lafa qonnaa, wanta hundumaa keessaa harka kudhan keessaa tokko ibsa; ummanni garuu ammas eeyyee jedha.
Abbaan keenya lakkoofsota keessatti dubbata 7–9, 22
8 1Samu'eel yommuu dulloomee, ilmaan isaa Israa'el irratti abbootii murtii godhee muude. 2Ilmi isaa angafni Yo'eel jedhama, isa lammaffaan immoo Abiyaa jedhama; isaanis Be'er-Sheebaa keessatti abbootii murtii ta'anii tajaajilan. 3Ilmaan isaa garuu karaa isaa hin hordofne; bu'aa hin qajeelle duukaa bu'anii, mattaa fudhatanii, murtii qajeelaa jallisan.
4Yommus maanguddoonni Israa'el hundi walitti qabamanii Raamaa keessatti Samu'eel bira dhufan. 5Isaanis, «Ati dulloomteerta, ilmaan kees karaa kee hin hordofan. Kanaaf akkuma saboota hundaa nu bulchuuf mootii nuuf muuddi» jedhan. 6Yommuu isaan, «Nu bulchuuf mootii nuuf kenni» jedhanitti Samu'eel gaddee, Abbaa keenya kadhate.
7Yommus Abbaan keenya Samu'eelin, «Sabni waan si jedhan hundumaan dhaggeeffadhu; isaan si hin didne; isaan akka ani mootii isaanii ta'u na didan. 8Guyyaa ani Gibxii isaan baasee jalqabee hanga har'aatti, isaan na dhiisanii waaqayyoota biroo waan tajaajilaniif, akkasuma si godhaa jiru. 9Amma isaan dhaggeeffadhu; garuu cimsitee isaan akeekkachiisi, akkamitti akka mootiin isaanii isaan bulchu itti himi» jedhe.
Samu'eel Gochaa Mootichaa Akeekkachiise
10Kanaaf Samu'eel saba mootii isa kadhatan sanaaf dubbii Abbaa keenyaa hundumaa itti hime. 11Innis, «Mootiin isin irratti mootu kun waan kana in godha: ilmaan keessan gaariiwwan isaatii fi fardeeyyii isaatiif, fuula isaanii dura fiiganiif in fudhata. 12Ofii isaatiif hooggantoota kuma kuma irratti fi shantama shantama irratti in muuda; tokko tokko lafa isaa qotanii midhaan isaa haamuuf, kaan immoo meeshaa waraanaa isaa fi meeshaa gaariiwwan isaa tolchuuf. 13Intallan keessan urgeessitoota, kaasitoota nyaataa fi buddeena toostotaa akka ta'aniif in fudhata. 14Qotiyyoo keessan isa caalu, dhaaba wayinii fi mukkeen zeytuunii isa caalu fudhatee tajaajiltoota isaatiif in kenna. 15Midhaan keessanii fi dhaaba wayinii keessan irraa kudhaan tokko fudhatee ajajoota isaatii fi tajaajiltoota isaatiif in kenna. 16Tajaajiltoota keessan dhiiraa fi dubartii, dargaggoota keessan filatamoo fi harroota keessan fudhatee hojii isaatiif in oola. 17Hoolaa fi re'ee keessan irraa kudhaan tokko in fudhata; isinis mataan keessan garboota isaa in ta'u. 18Guyyaan sun yommuu ga'u, sababii mootii ofiif filattan sanaaf in iyyitu; Abbaan keenya garuu guyyaa sana isiniif hin deebisu» jedhe.
19Sabni garuu Samu'eelin dhaggeeffachuu didan. Isaanis, «Lakki! Nuti mootii nu irratti qabaachuu barbaanna, 20akka saboota hundaa taanuuf, mootiin keenya nu bulchee, nu dura bahee, waraana keenya nuuf lolu.» jedhan.
21Samu'eel yommuu dubbii sabaa hundumaa dhaga'e, Abbaa keenyatti irra deebi'ee hime.
22Abbaan keenya Samu'eelin, «Isaan dhaggeeffadhu; mootii isaaniif kenni» jedhe. Samu'eel ergasii namoota Israa'elitti, «Tokkoon tokkoon keessan gara magaalaa keessanii deemaa» jedhe.