Bildad deebi'ee dubbate
Haasaan Bildad isa dhumaa aayata jaha, fageenya malee wanti isa keessa hafe hin jiru: bulchiinsi kan Waaqayyooti, jiinis urjiiwwanis fuula isaa duratti qulqulluu miti, nama du'aan maali? Raammoo, ilbiisa. Falmiin michootaa jecha dhume.
25 1Yommus Bildad namichi Shuuhaa deebisee, 2«Aangoon fi sodaan kan isaati; inni bakka ol-aanaa isaa keessatti nagaa in buusa. 3Namni tokko loltoota isaa lakkaa'uu in danda'aa? Ifni isaa nama hundumaa irratti hin baha moo? 4Yoos namni du'uu qabu Waaqayyo duratti akkamitti qajeelaa ta'uu danda'a? Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu ta'uu danda'a? 5Kunoo, ji'i iyyuu hin ifu, urjiileen immoo ija isaa duratti qulqulluu miti; 6namni du'uu qabu isa raammoo ta'e, ilmi namaa isa raammii ta'e immoo hammam caalaa xinnaa dha!»