Museen Hoggantootatti Dubbate
Waadaan Abbaa keenyaaf godhame ni raawwatama — dubbiin nama tokkoo guutummaatti isa hidha. Waadaan intala xiqqoo yookaan niitii guyyaa abbaan ishii yookaan abbaan manaa dhageeffatetti ni diigama; yoo callise ni dhaabata, yakkis isa irra ta'a.
30 1Museen mataawwan gosoota Israa'elitti akkana jedhe: Kun waan Abbaan keenya ajaje dha. 2Yoo namni tokko Abbaa keenyaaf waadaa seene, yookaan of hidhuudhaaf kakaa kakate, jecha isaa hin diigu; waan afaan isaa dubbate hundumaa in raawwata.
3Yoo dubartiin tokko Abbaa keenyaaf waadaa seentee, ijoollummaa ishee keessatti, osoo mana abbaa ishee keessa jirtuu, waadaadhaan of hidhte, 4abbaan ishee yommuu waadaa ishee fi hidhaa ishee of hidhte sana dhaga'ee, ishee irratti homaa osoo hin jedhin hafe, waadaan ishee hundinuu fi hidhaan ishee ittiin of hidhte hundinuu in dhaabata. 5Garuu abbaan ishee guyyaa dhaga'e sana yoo ishee dhorke, waadaan ishee fi hidhaan ishee ittiin of hidhte tokkollee hin dhaabatu; sababii abbaan ishee ishee dhorkeef Abbaan keenya ishee in dhiisa.
6Yoo waadaa ishee jala osoo jirtuu, yookaan waadaa dafee afaan ishee irraa ba'e jala osoo jirtuu abbaa manaa fuudhte, 7abbaan manaa ishee guyyaa dhaga'e sana dhaga'ee ishee irratti callise, waadaan ishee in dhaabata, hidhaan ishee ittiin of hidhtes in dhaabata. 8Garuu abbaan manaa ishee guyyaa dhaga'e sana yoo ishee dhorke, waadaa ishee hidhu fi waadaa dafee afaan ishee irraa ba'e in diiga; Abbaan keenya immoo ishee in dhiisa.
9Waadaan haadha hiyyeessaa yookaan dubartii hiikamte, waan ittiin of hidhte hundinuu, ishee irratti in dhaabata.
10Yoo mana abbaa manaa ishee keessatti waadaa seente, yookaan kakaadhaan hidhaan of hidhte, 11abbaan manaa ishee dhaga'ee, ishee irratti homaa osoo hin jedhin, hin dhorkin—waadaan ishee hundinuu in dhaabata, hidhaan ishee ittiin of hidhte hundinuus in dhaabata. 12Garuu abbaan manaa ishee guyyaa dhaga'e sana yoo isaan haqe, waan afaan ishee irraa ba'e—waadaan ishee yookaan hidhaan ishee hidhu—tokkollee hin dhaabatu: inni isaan haqeera, Abbaan keenyas ishee in dhiisa. 13Waadaa hundumaa fi kakaa of gadi qabuuf hidhu hundumaa, abbaan manaa ishee in cimsa yookaan in haqa. 14Garuu abbaan manaa ishee guyyaa guyyaan ishee irratti yoo callise, waadaa ishee hundumaa yookaan hidhaa ishee irra jiru hundumaa in cimsa; guyyaa dhaga'e sana ishee irratti callisee waan jiruuf, isaan in cimsa. 15Garuu erga dhaga'ee booda yoo isaan haqe, yeroo sanatti cubbuu ishee in baata.
16Kun seera Abbaan keenya Museetti ajaje dha: seera namaa fi niitii isaa gidduu, abbaa fi intala isaa xiqqoo mana isaa keessa jirtu gidduu jiru.