Gad-fageenya Keessaa
Faarfannaa Ol-ba'iinsaa.
Gad fageenya keessaa, kadhannaan gaaffii tokko Abbaa isaa gaafatu irratti hirkate: yoo yakka galmeessitee, eenyutu dhaabbachuu danda'a? Dhiifamni sodaa ulfinaa hundumaa akka danda'amu godha. Eeggannoon isaa eegdota halkanii hanga ganamaatti sa'aatii lakkaa'an wajjin walfakkeessama.
130 1Yaa Abbaa koo, gad-fageenya keessaa sitti iyyadha.
2Yaa Abbaa Bulchaa, sagalee koo dhaggeeffadhu; iyya araara kootiif of-eeggannoodhaan dhaggeeffadhu.
3Yaa Abbaa koo, yoo ati cubbuu galmeessitee qabaatte, yaa Abbaa Bulchaa, eenyutu dhaabachuu danda'a? 4Garuu akka ati sodaatamtuuf, si bira dhiifamni jira.
5Abbaa koo nan eeggadha; lubbuun koo in eeggatti, jecha isaattis abdii nan godhadha. 6Lubbuun koo eegdonni ganama eeggatan caalaa, eegdonni ganama eeggatan caalaa, Abbaa Bulchaa in eeggatti.
7Yaa Israa'el, Abbaa keenyatti abdii godhadhu, sababii Abbaa keenya biratti gaarummaan kakuu jiruuf, isa biratti immoo furmaanni baay'inaan jira. 8Innis ofiisaatii cubbuu Israa'el hundumaa irraa Israa'el in fura. a a v8 Waadaan Abbaan ummata isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa furuuf gale, Yesus isa ummata isaa cubbuu isaanii irraa baraaruuf moggaafame sanaan raawwatameera.