Of leenjisi: Waaqayyoon sodaachuu keessatti
Phaawuloos waa'ee barsiisota fuudhaa heerumaa fi nyaata tokko tokko dhorkanii akeekkachiisa; wanti Abbaan keenya uume hundinuu gaarii dha, galataanis fudhatama. Ximotewos Waaqayyoof buluuf of leenjisuu, namni tokkollee ijoollummaa isaa akka hin tuffanne, Macaafa Qulqulluu ummata duratti dubbisuu, jireenya isaatii fi barsiisa isaas of eeggannoon ilaaluu qaba.
4 1Hafuurri Qulqulluun ifatti in jedha: yeroo boodaa keessatti tokko tokkoon namootaa hafuurota nama gowwoomsanii fi barsiisa jinniiwwanii hordofuudhaan amantii in dhiisu, 2kunis fakkeessummaa sobdotaatiin, warra qalbiin isaanii akka sibiila ibiddaan mallatteeffameetti gubame sanaan in ta'a. 3Isaan gaa'ela in dhorku; nyaata Abbaan keenya warri amanan fi dhugaa beekan galateeffachuudhaan akka fudhatan uume irraa akka of qusatan in gaafatu. 4Waan Abbaan keenya uume hundinuu gaarii dha; yoo galateeffachuudhaan fudhatame homtuu hin tuffatamu, 5waan jecha Abbaa keenyaa fi kadhannaadhaan qulqullaa'eef.
6Yoo wantoota kana obboloota dhiiraa fi dubartii irratti agarsiiste, ati tajaajilaa Kristos Yesus gaarii, jecha amantii fi barsiisa gaarii ati hordofte sanaan soorataa ta'a. 7Oduu soba warra Waaqayyoon hin sodaanne, kan gowwaa ta'e irraa fagaadhu. Kanaa mannaa, Waaqayyoon sodaachuuf of leenjisi. 8Leenjiin qaamaa xiqqoo in fayyada, garuu Waaqayyoon sodaachuun haala hundaan in fayyada—jireenya yeroo ammaa fi kan dhufu in abdachiisa. 9Dubbiin kun amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuu in malu. 10Kanaaf in dadhabna, in carraaqnas, sababii Abbaa jiraataa, Fayyisaa namoota hundaa, keessumaa warra amananii irratti abdii kaanee. 11Wantoota kana ajajiitii barsiisi.
12Namni tokko illee ijoollummaa keetiif si hin tuffatin; garuu dubbii, amala, jaalala, amantii fi qulqullummaadhaan warra amanan duratti fakkeenya ta'i. 13Hanga ani dhufutti, Macaafa Qulqulluu fuula namootaa duratti dubbisuu, gorsuu fi barsiisuu irratti of kenni. 14Kennaa si keessa jiru, raajii fi harka maanguddootaa sirratti kaa'amuudhaan siif kenname, hin tuffatin. 15Wantoota kana shaakali, guutummaatti isaaniif of kenni, akka namni hundinuu guddina kee argu. 16Of kee fi barsiisa kee cimsitee eegi. Kana keessa turi; yoo kana goote, ati ofis dhaggeeffattoota kees in fayyifta.