Arraba of jaju
Bulchaa muuziqaatiif. Faarfannaa ogummaa kan Daawit. Yeroo Doyeg nama Edoom dhufee Saa'oliin, «Daawit mana Ahimeleek deemeera» jedhee itti himetti.
Doeg, lubootaaf Saa'olitti himate sanatti taasifame. Inni akka nama dubbii nyaatu jaallatuu fi qabeenya isaa irratti amanatuutti waamama, dunkaana isaa keessaa akka buqqa'u itti himama — faarfatichi immoo mana Abbaa keenyaa keessatti akka muka zayitaa guddata.
52 1Yaa jabaa, maaliif hammeenyaan of jajda? Gaarummaan amanamaa Abbaa keenyaa guyyaa guutuu in jiraata.
2Arrabni kee balleessaa in shira, akka billaa qara qabuu, yaa gowwoomsaa. 3Hammeenya gaarummaa caalaa, sobuu immoo waan qajeelaa dubbachuu caalaa in jaallatta.
4Yaa arraba gowwoomsaa, dubbii nama balleessu hundumaa in jaallatta. 5Garuu Abbaan keenya bara baraan si diiga; si butee dunkaana keetii si buqqisa; lafa warra jiraataniit irraas si fixa.
6Qajeeltonni arganii in sodaatu; isa kolfanii akkana jedhu, 7«Namicha Abbaa keenya iddoo of baraarutti hin godhanne, garuu qabeenya isaa guddaa amanatee warra biroo balleessuudhaan jabaate ilaalaa.» 8Ani garuu akka muka zayitii dagaagaa mana Abbaa keenya keessa jiru dha; gaarummaa Abbaa keenyaa irratti bara baraan nan amana. 9Waan ati goteef bara baraan si galateeffadha; fuula warra amanamoo kee duratti maqaa kee nan abdadha, sababii inni gaarii dha.