Maatii Gadduu Didan
Namni tokko niitii abbaa isaa wajjin ciisaa jira, waldaan immoo obsa isheetti of jaja. Phaawulos akka isaan gadduu qaban, akka hafuurri isaa fayyuufis isa Seexanatti dabarsanii kennuu akka qaban dubbata. Raacitiin moofaan baduu qaba; warra keessaa jiran irratti murteessuun hojii isaanii ti, warra alaa immoo Abbaa keenyatu itti murteessa.
5 1Sagaagalummaan isin gidduutti jiraachuun dhugumatti odeeffameera. Sagaagalummaan akkasii warra Abbaa hin beekne gidduu iyyuu hin jiru: namichi tokko niitii abbaa isaa qaba. 2Isin immoo of jajjabeessitu! Kanaan mannaa, namni kana hojjete isin gidduu irraa akka baafamuuf hin gaddine ree? 3Ani qaamaan isin biraa hin jiruu iyyuu, hafuuraan garuu isin bira jira. Kanaaf akka isin bira jiruutti, namicha kana hojjete duraan murteessee jira. 4Yommuu maqaa Gooftaa keenya Yesusiin walitti qabamtanitti, hafuurri koo isin wajjin jiraatee, humna Gooftaa keenya Yesus wajjin, 5namicha kana akka foon isaa balleeffamuuf, hafuurri isaa immoo guyyaa Gooftaa keenya Yesus akka fayyuuf, Seexanaaf dabarsaa kennaa.
6Of jajjabeessuun keessan gaarii miti. Fixiin xiqqoon bukoo hunda keessa akka dhaabu hin beektanii? 7Akka isin akkuma fixii hin qabne sana bukoo haaraa taataniif, fixii moofaa baasaa. Sababii Kristos, hoolaa Faasiqaa keenya, aarsaa ta'eeraatii. 8Kanaaf ayyaana kana fixii moofaan, jechuunis fixii hamaa fi hammeenyaatiin osoo hin ta'in, buddeena fixii hin qabne, jechuunis amanamummaa fi dhugaatiin haa ayyaaneffannu.
9Xalayaa koo keessatti warra sagaagalan wajjin akka hin makamneef isinii barreesse. 10Kana jechuu koo sagaagaltoota addunyaa kanaa, ykn araadotaa fi saamtota, ykn waaqa tolfamaa waaqeffattoota jechuu koo gonkumaa miti. Yoo kanaa ta'e addunyaa keessaa ba'uu qabdan turtanii. 11Garuu ani isinii barreessaa jira: nama obboleessa ykn obboleettii jedhamee waamamu, garuu sagaagalaa, araadaa, waaqa tolfamaa waaqeffataa, maqaa balleessaa, machaa'aa ykn saamaa ta'e wajjin akka hin makamneef. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa. 12Ani maaliif warra waldaa alaa jiran murteessa? Isin warra keessa jiran hin murteessitanii? 13Abbaan keenya warra alaa in murteessa. «Namicha hamaa isin gidduu irraa baasaa.»