Maxxanfameera

Fakkeenyaa 2 FHB Father's Heart Bible™

Ajaja kee isa jalqabaa irratti hir'ina 15% →
Kitaaba

Akka Meetii Barbaadaa

Falmiin shoorta qaba. Akkuma namoonni meetii awwaalame ciran yoo hubannaa duukaa buutan, ergasii Abbaa keenya sodaachuun maal akka ta'e ni hubatta. Waan bitu hojii irra oola: namoota miidhuu jaallatan irraa, akkasumas alagaa dubbii mi'aawaa qabu irraa eegumsa.

Boqonnaa 2.

Yaa ilma koo, yoo dubbii koo fudhattee ajaja koos sin keessatti kuuftee qabatte, gurra kee ogummaaf xiyyeeffachiisuudhaan onnee kee gara hubannaatti deebisuudhaan; eeyyee, yoo hubannoo jedhee waamtee hubannaaf sagalee kee ol fudhatte, yoo akka meetiitti isa barbaaddee akka qabeenya dhoksaatti isa qorte, yeroo sanatti sodaa Abbaa keenyaa in hubatta, beekumsa Abbaa keenyaas in argatta. Waan Abbaan keenya ogummaa kennuuf, afaan isaarraa beekumsii fi hubannoon ba'a. Inni warra qajeeloof ogummaa dhugaa in kuusa; warra dhugaa-qabeessummaan deemaniif gaachana dha, daandii murtii eeggachuudhaan karaa warra amanamoo isaas tiksuudhaan.

Yeroo sanatti qajeelummaa fi murtii fi qixxummaa, daandii gaarii hundumaas in hubatta. Ogummaan onnee kee keessa in seena, beekumsis lubbuu keetiif in mi'aa'a; of-eeggannoon si eegaa, hubannoon immoo si tiksa, karaa hammeenyaarraa, namoota waan jal'aa dubbataniirraa si baasuuf, warra daandii qajeelummaa dhiisanii karaa dukkanaa keessa deemaniirraa, warra hammeenya hojjechuudhaan gammadanii jal'ina hammeenyaa keessatti gammadaniirraa, warra daandiin isaanii qaxxaamuraa ta'e, karaa isaanii keessatti gowwoomsoo ta'aniirraa.

Ogummaan dubartii dhorkamte irraas, alagaa dubbii laafaa qabdu irraas si baasa, isheen michuu dargaggummaa ishee dhiistee kakuu Abbaa isheetii irraanfatte. Waan mana ishee du'aatti gad bu'u, daandiin ishees warra du'aniitti gad bu'a. Warri gara ishee deeman tokko iyyuu hin deebi'an, daandii jireenyaas hin quunnamani.

Kanaaf karaa warra gaarii irra in deemta, daandii warra qajeeloos in eegda. Warri qajeelaan lafa sana irra in jiraatu, warri dhugaa-qabeessummaa qabanis achi in turu; warri hamaan garuu lafa sana irraa in muramu, warri amanamummaa hin qabnes irraa in citamu.