Na jajjabeessiteerta
Faarfannaa gabaabaa guyyaa murtii booda. Faarfataan aarii deebi'eef, jajjabina dhufeefis Abbaa isaatiif ifatti galata galcha; ani amanama malee hin sodaadhu jedha. Bishaan gammachuudhaan ni waraabama, Sioniinis ni faarfatti, sababni Qulqulluun dhiyoo ti.
12 1Guyyaa sana in jetta: «Yaa Abbaa koo, ani si in galateeffadha; ati na irratti yoo aarte iyyuu, aariin kee deebi'ee, na jajjabeessiteertaatii. 2Kunoo, Abbaan keenya fayyina kooti; ani in amana, hin sodaadhus; Abbaan koo humna koo fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo ta'eera.» 3Gammachuudhaan boolla fayyinaa irraa bishaan in baafattu. 4Guyyaa sana in jetta: «Abbaa keenyaaf galata galchaa, maqaa isaa waamaa, hojii isaa saba hundumatti beeksisaa, maqaan isaa ol ka'uu isaa labsaa. 5Abbaa keenyaaf faarfadhaa, inni waan ulfina qabeessa hojjete; kun lafa hundumaa keessatti haa beekamu. 6Yaa jiraattuu Tsiyoon, sagalee ol fudhadhuu gammachuudhaan faarfadhu, sababii Qulqullichi Israa'el—Abbaan keenya—gidduu keetti guddaa dha.»