Iddoon aarsaa Abbaa irra deebi'ee in ka'a
Otoo manni qulqullummaa hin dhaabbatin dura, sabni deebi'e — saboota naannoo isaanii jiran sodaataa — iddoo aarsaa Abbaa keenyaa hundee isaa durii irratti ijaaree aarsaa guyyaa guyyaa ni jalqaba. Yeroo hundeen kaa'amu, jaarsoliin mana jalqabaa yaadatan warri kaan akkuma iyyanitti sagalee guddaan ni boo'u.
3 1Ji'a torbaffaa keessa, Israa'eloonni magaalaawwan isaanii keessa erga qubatanii booda, namoonni tokkummaadhaan Yerusaalem keessatti walitti qabaman. 2Yommus Yeshuwaa ilmi Yoozaadaaq fi luboonni obboloota isaa, Zarubaabel ilmi Sheyaltiy'el fi hiriyoonni isaas ka'anii, akkuma Seera Musee namicha Abbaa keenyaa keessatti barreeffametti, aarsaa gubamu isa irratti dhiyeessuuf iddoo aarsaa Abbaa keenyaa ijaaran. 3Namoota naannoo isaanii jiran sodaachaa iddoo aarsaa bu'uura isaa irra dhaabanii, ganamaa fi galgala aarsaa gubamu isa irratti Abbaa keenyaaf dhiyeessan. 4Akkuma barreeffametti Ayyaana Dalgee ayyaaneffatan; aarsaa gubamu guyyaa guyyaan lakkoofsa isaa barbaadamuun dhiyeessan. 5Booda sana aarsaa gubamu yeroo hundaa, aarsaa ji'a haaraa, ayyaanota qulqulloo Abbaa keenyaa hundumaa, akkasumas kennaa namni kam iyyuu fedhiidhaan Abbaa keenyaaf fidu dhiyeessan. 6Guyyaa jalqabaa ji'a torbaffaa irraa kaasanii Abbaa keenyaaf aarsaa gubamu dhiyeessuu jalqaban; bu'uurri mana qulqullummaa Abbaa keenyaa garuu amma iyyuu hin kaa'amne ture. 7Warra dhagaa tuqan fi kottoonotaaf mindaa kaffalan; warra Siidoon fi warra Xiiros immoo akka muka birbirsaa Libaanos irraa galaanaan gara Yoppee fidaniif nyaata, dhugaatii fi zayitii kennan, akkuma Kuros mootiin Faarsi isaan hayyameef.
Manni Abbaa ka'uu in jalqaba
8Bara lammaffaa ji'a lammaffaa keessa, erga mana Abbaa keenyaa Yerusaalem keessa jiru gahanii booda, Zarubaabel ilmi Sheyaltiy'el fi Yeshuwaa ilmi Yoozaadaaq, namoota isaanii kaan wajjin, jechuunis luboota, Lewwota fi warra boojuu irraa Yerusaalemitti deebi'an hundumaa wajjin, hojicha jalqaban. Lewwota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi isaa ol ta'e hojii mana Abbaa keenyaa irratti ramadan. 9Yommus Yeshuwaan, ilmaan isaa fi obboloonni isaa, Kadmi'el fi ilmaan isaa, ilmaan Yihudaa, akkasumas ilmaan Henaadaad, ilmaan isaanii fi obboloonni isaanii Lewwonni, warra mana Abbaa keenyaa irratti hojjetan to'achuuf tokkummaadhaan ka'an.
10Yeroo ijaartonni bu'uura mana qulqullummaa Abbaa keenyaa kaa'an, luboonni uffata isaanii uffatanii malakaa qabatanii, Lewwonni ilmaan Asaaf immoo kiimbaala qabatanii, akkuma Daawit mootiin Israa'el ajaje Abbaa keenya galateeffachuuf dhaabatan. 11Isaan walii deebisaa Abbaa keenya faarsaa galateeffachaa akkana jedhan, «Inni gaarii dha; gaarummaan isaa Israa'eliif bara baraan in jiraata.» Sababii bu'uurri mana Abbaa keenyaa kaa'ameef namoonni hundi Abbaa keenya faarsaa iyyaan guddaa iyyan.
12Luboota, Lewwotaa fi mataa maatii maanguddoota mana jalqabaa arganii turan hedduun, yeroo bu'uurri mana kanaa ija isaanii duratti kaa'amu sagalee guddaadhaan boo'an; warri kaan hedduun immoo gammachuudhaan iyyan. 13Namni tokko iyyaa gammachuu sagalee boo'ichaa addaan baasuu hin dandeenye, sababii namoonni sagalee guddaadhaan iyyaniif sagaleen isaanii fagootti dhaga'ame.