Namni Isa Sodaatu Eebbifamaa Dha
Faaruu duraanii kan of-seera ta'e fakkii isaa dha. Waan Abbaa keenyaaf jedhame amma nama isa sodaatuuf jedhama: dukkana keessatti ifni isaaf bari'a, ofii bal'inaan liqeessa, oduu hamaa hin sodaatu.
112 1Halleluyaa! Namni Abbaa keenya sodaatu, ajaja isaatti baay'ee gammadu eebbifamaa dha. 2Sanyiin isaa biyyatti keessatti jabaa in ta'a; dhaloota qajeeltotaas in eebbifama. 3Qabeenyi fi badhaadhinni mana isaa keessa jira, qajeelummaan isaas bara baraan in jiraata. 4Qajeeltotaaf dukkana keessatti ifni in bari'a; inni gaarii, araara-qabeessaa fi qajeelaa dha. 5Namni arjummaadhaan kennee liqeessu, hojii isaas haqaan geggeessu, gaarii isaaf in ta'a. 6Dhugumatti inni gonkumaa hin sochoomu; qajeelaan bara baraan in yaadatama. 7Oduu hamaa hin sodaatu; onneen isaa jabaa dha, Abbaa keenyatti amana. 8Onneen isaa tasgabbaa'aa dha; hamma diina isaa injifannoodhaan ilaalutti hin sodaatu. 9Arjummaadhaan facaasee hiyyeeyyiif kenne; qajeelummaan isaa bara baraan in jiraata; kabajaan ol ka'a. a a v9 Phaawulos kennaa gammachuun fi harka bantuudhaan kennamu Abbaan keenya eebbisu ibsuuf, lakkoofsa kana 2 Qorontos 9:9 irratti ibsa. 10Namni hamaan kana argee in dheebota; ilkaan isaa kukkutee in dadhaba; hawwiin hamootaa in badu.