Karaa Isaa Irra Deemuu
Faaruu ol-ba'iinsaa.
Eebba Abbaa keenyaa jireenya manaa idilee irratti: waan harki kee omishe nyaachuu, niitiin kee akka muka wayinii ija baay'ee qabu, ijoolleen akka dhaabbilee ejersaa minjaara marsan. Dhuma irratti gara nagaa magaalaa fi ilmoolee ilmaanii bal'ata, nagaa Israa'el irrattis xumurama.
128 1Namni Abbaa keenya kabaju, karaa isaa irras deemu hundinuu eebbifamaa dha.
2Ati bu'aa dadhabbii harka keetii in nyaatta; in eebbifamta, wanti hundinuus siif in milkaa'a. 3Niitiin kee mana kee keessatti wayinii ija baqattuu fakkaatti; ijoolleen kee dhaabii ejersaa gara minjaala keetii marsanii jiran fakkaatu. 4Kunoo, namni Abbaa keenya kabaju akkanatti eebbifama.
5Abbaan keenya Tsiyoon irraa si haa eebbisu; ati guyyaa jireenya kee hundumaa badhaadhina Yerusaalem haa argita, 6ijoollee ijoollee keetiis haa argita. Nagaan Israa'el irra haa ta'u.